Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee leenjitoota kuma 1 fi 193 leenjisaa ture eebbisiise

111

Caamsaa 13/2014 (TOI) - Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee leenjitoota kuma 1 fi 193 giddugala leenjii Kontiinijantii poolisii Kolfee Qaraniyootti ogummaa poolisiin leenjisaa ture eebbisiiseera.

Sirna eebbaa kanarratti Kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee qondaaltoonni komishinichaa argamaniiru.

Poolisiin ogummaa kabajaa fi waan kamiinuu bakka hin buune kennaa guddaa ta’uu Aadde Adaanach ibsaniiru.

Magaalaan Finfinnee magaalaa guddoo biyyattii fi teessoo dippiloomaatoota idil addunyaa ta’uu isheen dhaabbata Poolisii yakka ga’umsaan qolachuu danda’u ijaaruun dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu kaasaniiru.

Eebbifamtoonni kunneen alseerummaa magaalichatti muul’atu ittisuu, olaantummaa seeraa kabachiisuu, loogii malee Uummata tajaajiluu akka qaban hubachiisuu isaanii ragaan Waajjira Kantibaa magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015