Konfireensiin Qorannoofi Qo’annoo Turiizimii biyyaalessaa 10ffaan Magaalaa Samaraatti gaggeeffamuu eegale.

65

Caamsaa 13/2014(TOI) - Konfireensiin Qorannoofi Qo’annoo Turiizimii biyyaalessaa 10ffaan Magaalaa Samaraatti gaggeeffamuu eegale.

Konfirensichi Waliin ta’iinsa Inistiitiyuutii leenjii Turiizimii Itoophiyaa, Biiroo Aadaafii Turizimii Naannoo Affaariifii Yuuniversiitii Samaraatu waliin qopheesse.

Kaayyoon isaas Qabeenya Turiizimii naanicha jiran beeksisuun,sababii weerara Covid-19, waraanaafi kanneen biroon qorree kan ture damee Turizimii naannichaa dadammaqsuufi jedhameera.

Waltajjii kana irratti Waraqaan qo’annoo dhimma Turiizimii naannichaa kan dhiyaatu yoo ta’u aanga’oonni olaanoo mootummaa Federaalaafi Naannoo Affaaris argamuu isaanii himamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015