Dooktar Teedroos Adihaanoom aangoo isaanii fayyadamuun kaayyoo ABUT raawwachiisuu akka dhaaban gaafataman

94

Caamsaa 11/2014 (TOI) – Daayrektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Doktar Teedroos Adihaanoom aangoo isaanii fayyadamuun kaayyoo garee shororkeessaa ABUT raawwachiisuu akka dhaaban gaafataman.

Dhaabbileen 9 xalayaa waloon Dhaabbata Fayyaa addunyaaf barreessaniin, aangoo isaanii fayyadamuun kaayyoo ABUT raawwachiisuu akka dhaaban gaafataniiru.

Dhaabbileen xalayaa kana barreessan Waldaa Yaala Fayyaa Itoophiyaa, Waldaa Eugumsa Fayyaa Itoophiyaa, Koree Dhimma Hawaasa Itoophiyaa Ameerikaa, Ethiopian Diaspora High Level Advisory Council of Covid-19, Ethiopian Scholars in Nordic Countries, Waldaa Yaala Fayyaa Afrikaa Kibbaafi People to People ta’uu eerameera.

Walitti bu’iinsa kaaba Itoophiyaa irratti Dooktar Teedroos adeemsa madaalawaa hin taanee fi fedhii siyaasaa qabu hordofuu ibsuun, hasawaa fi gochaa isaaniitiin hawaasni idil addunyaa Itoophiyaarratti hubannoo dogoggoraa akka qabaatu taasisuu dhaabbileen kunneen ibsaniiru.

Doktar Teedroos ibsawwan laataniin, barreeffamoota barreessaniin, ergaawwan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, miidhaa gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Afaar irraan ga’erratti callisuu filachuu isaanii dhaabbileen kunneen eeraniiru.

Dooktar Teedroos itti gaafatamummaa fayyaa uummata addunyaa akka eeganiif itti laatame kaayyoo ABUT raawwachiisuuf itti gargaaramaa jiraachuu fi gocha isaanii kanarraa of qusachuu akka qaban dhaabbileen kunneen yaadachiisaniiiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015