Lammilee rakkoo keessa jiran deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf deeggarsi qindaa'an dhaabbilee Miidiyaarraa ni barbaachisa.

69

Caamsaa 10/2014(TOI) - Lammilee rakkoo keessa jiraniif karaa qindaa'aa ta'ee deeggarsa namoomaa dhiheessuuf qindoominni dhaabbilee miidiyaa baay'ee barbaachisaadha jedhame.

Waldaan Qaxxamura diimaa '' Namummaafi Gahee dhaabbilee miidiyaa'' mata duree jedhuun marii geggeessa jira.

Barreessaan Olaanaa Waldaa Qaxaamura Diimaa Itoophiyaarra obbo Geetachoo Ta'aa akka himanitti rakkoo sababa umamaafi nam-tolcheen umameen lammilee rakkataaniif deeggarsi namoomaa karaa sirrii akka qababu gaheen dhaabbileen miidiyaa qaban guddaadha jedhaniiru.

Dhaabbileen miidiyaa fi waldaan fannoo diimaa hojiiwwan deebii balaa fi misooma namoomaarratti hojjetaa turan himaniiru.

Dhaabbileen miidiyaas milkaa’ina qajeelfama Waldichaaf deeggarsa isaanii cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Waltajjicharratti kan argaman Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gama isaaniin, dhimmoota biyyoolessaa deebii namooma barbaadaniif shoorri miidiyaa ture cimaadha jedhaniiru.

Rakkoo ittisuu keessatti miidiyaalee hubannoo uumuufi kallatti agarsiisuun miidiyaan gahee cimaa akka qabu kan eeran doktar Liyaan lammilee rakkoo keessa jiraniif deeggarsi namoomaa akka dhihaatu deeggarsi qindaa'an Dhaabbilee miidiyaarra akka barbaachisus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015