Pireezidaantiin Somaaliyaa haaraan, Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad waliin hojjachuuf qophii tahuu beeksisan.

11

Caamsaa 10/2014(TOI)- Pireezidaantiin Somaaliyaa haaraan, Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad waliin hojjachuuf qophii tahuu beeksisan.

Pireezidaantiin Somaaliyaa haaraan Hassan Sheek Mohaammad, Ministira Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad waliin hojjachuuf qophii tahuu beeksisaniiru.

Pireezidaanti Hassan, Ministira Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmadiif galatas dhiheessaniiru.Pireezidaantiin haaraa Hassan Sheek Mohaammad, karaa fuula tiwitarii isaaniin ergaa dabarsaniin, Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad waliin hojjachuuf murannoo qabaachuusaanii beeksiisaniiru.

”Kabajamoo isiin waliin tahuun dippiloomaasii biyyoota lameeniifi hariiroo lameenii guddisuuf hojiiwwan dandeessisan nan hojjadha” jedhaniiru ergaa isaanii kanaan.Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Pireezidaanti Hassaniif ergaa baga gammaddanii dabarsuusaanii ni yaadatama.