Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa kitaabolee kuma 5 ol mana kitaabaa Abrihootiif laate

100

Finfinnee, Caamsaa 8/2014 (TOI) – Tajaajilli Oduu Itoophiyaa kitaabolee kuma 5 ol hojjettoota dhaabbatichaa fi qaamolee garaagararraa walitti qabe mana kitaabaa Abrihootiif laateera.

Mana Kitaabaa Abrihootiif sagantaa kitaabaa walitti qabuu baatii tokkoof turu mata duree ‘kitaabolee miiliyoona dhaloota miiliyonaaf’ jedhuun waamicha darbe hordofee dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa kitaaba laataa jiru.

Kana hordofee Tajaajilli Oduu Itoophiyaa (TOI) kitaabolee kuma 5 ol mana kitaabaa Abrihootiif laateera.Kitaabolee kanneen Hoji Raawwachiisaa Olaanaan TOI Saayifuu Darribeen, Hogganaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Yohaanniis Zawdeef laataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015