Yuunivarsiitii Haramayaatti mariin Dippilomaasii hawaasaarratti xiyyeeffate geggeeffama jira. - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitii Haramayaatti mariin Dippilomaasii hawaasaarratti xiyyeeffate geggeeffama jira.
79
Caamsaa 4/2014(TOI) - Yuunivarsiitii Haramayaatti mariin Dippilomaasii hawaasaarratti xiyyeeffate geggeeffama jira.
Marii kanarratti dubbi himaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Diinaa Muftii argamaniiru.
''Dippilomaasii hawaasaafi gahee Yuunivarsiitii'' mata duree jedheen barreeffamni hayyootaan dhihaatu qaama marichaati jedhameera.
Marii kanarratti ambaasaaddar Diinaa Muftii dabalatee hoggantoonni fi hayyoonni Yuunivarsiitii Haramaayaa fi kanneen biroon hirmaachaa jiru.
Yuunivarsiitiin Haramaayaa jiddugala Dippilomaasii hawaasaa ni hundeessas jedhamee eegama.