Naannichatti galiin birrii miiliyoona 814 walitti qabame.

63

Ebla 26/2014(TOI) - Naannoo Harariitti maddeewwan galii adda addaarraa baatii saglan darbanitti galiin birrii miiliyoona 814 walitti qabamuu Biiroon galiiwwanii naannichaa beeksise.

Galiin walitti qabame kunis karoora qabameefi kan bara darbee waqtii walfakkataan yoo madaalamu caalmaa qabas jedhameera.

Galiin kunis kan bara darbee yeroo walfakaataan yoo madaalamu miiliyoona 239.9 caalmaa akka qabu hogganaan biiroo galiiwwanii naannichaa obbo Baqqalaa Tamasgeen himaniiru.

Galiin kunis kan bara darbee caalaa akka fooyya'uuf hojiin hordoffii tajaajila galii walitti qabuu cimuufi hojiin hordoffii nagahee kutuu sirriitti waan hojjetameefi jedhaniiru.

Gama biroonis kanneen kanfaltii irraa turerraa galii walitti qabuufi daldaltoonni gara daldala seera qabeessatti dabalamaniis dabalaa dhufuun galiin kun akka dabalu taasisuu himaniiru.

Baatiiwwan bara bajataa hafanittis hojiin galii walitti qabuu kun cimee kan itti fufu ta'uu obbo Baqqalaan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015