Ergaa Baga geessanii Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

228

Ebla 23/2014(TOI) -Ergaa Baga geessanii Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Baga Ayyaana Iid Al-Fixri Waggaa 1443ffaa nagaan geessan!

Ummata bal'aa naannoofi biyya keenyaa sirna kabaja ayyaanaa waliin qooddattan duraan dursee baga guyyaa ayyaana Id Al Fixri bara kanaa nagaan geessan jechuun barbaada.

Ayyaanni Raamadaanaa hawaasa musiliimaa biratti ayyaana iddoo olaanaa qabu qofa osoo hin taane, kan itti araarama rabbii argataniifi hawwii guddaan eegamuudha.

Ji’a sooma Ramadaanaa keessa ummanni musiliimaa guyyaa soomaan halkan taraawiya dhaabbachuun rabbirraa araarama barbaadu.

Sooma keessa gaarii hojjachuu, nama wal dhaban waliin araaramuu, kan wal lole walitti araarsuun, qaamaaf qalbiin wal gargaaruun, kan qabu isa hin qabneef qooduun miira jaalalaafi ramatummaan waliin dabarsuun amantaa Islaamaa biratti kan baratamedha.

Ayyaanni Iid Al Fixir agarsiiftuu waliin jireenyi dhala namaa keessatti dhugoomu, waliif yaaduun rakkoo walii qooddatu, bu’aa ba’ii, gaddaafi gammachuu dhalli namaa dabarsuufi wal'aansoo jireenyaa hundi keessatti waliif birmatuudha.

Ayyaanni Iid Al Fixirii bara kanaa kan kabajamu yeroo biyyi keenya kiyyoo kessaafi alaan ka'ameef gamtaan ofirraa cirtee birmadummaa ishee itti mirkaneeffatte, akkasumas rakkoo uumamaafi nam-tolcheen qoramaa turte furuuf tokkummaan waliin dhaabbachuun danda'ame keessatti.

Rakkoo uumame kanas to'achuuf tumsi hawaasni muusiliimaafi kanneen biroo taasisan milkaa'ina argameef gahee olaanaa argamsiiseera.

Hawaasni Muusiliimaa naannoo keenyaa lammiilee rakkoof saaxilaman bira dhaabbachuun deggarsa taasisaniin aantummaa lammii isaaniif qaban qabatamaatti mirkaneessuu isaaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa carraa kanaan galateeffachaa ammas arjummaafi gara laafummaa amantaafi hawaasa isaaniirraa dhaalan cimsanii itti fufuun misooma biyyaafi lammilee sababa adda addaan rakkoof saaxilamaniif deggarsa taasisaa turan cimsanii akka itti fufanin dhaama.

Wayita ayyaannj kun kabajamutti akkuma gamtaan salaatamuufi rabbiin waliin kadhatan shira humnoota fedhii dhuunfaa galmaan ga'achuuf uummata nagaa, jaalalaafi kabajaan waliin jiraachaa ture amantaafi sabaan walitti buusuuf yaalan ammoo saaxiluun seeratti akka dhiyaataniif gamtaan tumsa barbaachisu gochuun mutrteessaadh.

Tokkummaan ummata keenyaa shira finxaaleyyotaafi shororkeessitootaan kan hin gufanne ta'uus hunduu hubachuu qaba.

Ummanni keenya yoomillee sabaafi amantaan wal qoodee hin beeku, boris hin godhu. Ummanni keenya akkaataa rabbi jaallatuun duudhaa amantaa isaa eeggachaa aadaa waliin jireenyaa gabbifataa as gahe ammas kunuunfachuun jaalalaan waliin jiraachuu itti fufa.

Qaama amantaafi sabummaa dawoo godhachuun summii isaa ummata keessatti facaasuuf socho'u ummanni of keessaa baasuun nageenya isaa mirkaneeffachuu akkuma eegale, ammas diinota diigamuu biyya keenyaa hawwan abdii kutachiisuu qaba.

Wal dhabdee sababa adda addaan uumamuu malus ilaafi ilaameen furachuun biyya hunda keenyaaf taatu tokkummaan ijaarrachuun yeroon isaa amma.

Barri natu sii beekaan fedhii ofii qofa ummatatti humnaan fe'uuf yaalan hawwii qofa ta'ee hafa male abadan hin milkaa'uuf. Kana yoomillee hin heyyamnuuf.

Duudhaalee amantaatiin haqa malee dharti, jaalala malee jibbi, idaa'amuu malee wal dhiibuun, tokkummaa malee wal qooduun akkuma bakka hin qabne, humni nageenya ummataa booressu, kan lubbuu namaa baasuufi haqa namaa maallaqaan gurguratu karaa kamiinuu namaafi rabbi biratti bakka hin qabu.

Qormaatilee biyya keessaafi alaan ammas biyya keenya mudachaa jiru caalmaatti injifachuuf miira tokkoomeefi irree jabaa walitti hidhamiinsa qabuun nageenya biyya keenyaa eeggachuun duudhaa ummanni biyya keenyaa gabbifachaa dhufedha.

Akkuma amantaan Islaamaa ajaju 'namni beela'aa dhowwatee nyaate amantaan isaa laafaadha' jedhu, yeroo biyyi keenya rakkoo gara garaan qoramaa jirtu keessatti yaada furmaataa fiduu caalaa nageenyi akka boora’u kan hawwan humna faalla ummattootaa ta'uu hubachuun of keessaa saaxilaa deemuu qabna.

Haaluma qajeeltoo amantaa keessatti lallabamu bu'ureffachuun nagaa buusaa sochii guddina biyyaa gama nageenyaafi misoomaan taasisaa jirru deeggaruun daandii badhadhinaa qabanne waliin ni milkeessina jechaa irra deebiin baga geessan jechuun fedha.

Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Eebla, 23/2014,
Finfinnee

.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015