Humni nageenyaa Waloon ayyaanni Iidaal Faxiir akka rakkoo nageenyaa tokko malee kabajamu qophii gahaa taasisuu beeksise. - ENA Afaan Oromoo
Humni nageenyaa Waloon ayyaanni Iidaal Faxiir akka rakkoo nageenyaa tokko malee kabajamu qophii gahaa taasisuu beeksise.

Ebla 22/2014(TOI) - Ayyaanni Iidaal Faxiir rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf qophii gahaa taasisuusaa Humni nageenyaafi Tasgabbii Waloo Federaalaa beeksiseera.
Humni waloo kun ibsa baga ayyaana Iidaal Faxiiriin isin gahee baaseera.
Amantaa kamiyyuu dahoo godhachuun duudhaa amantaan heeyyamuun ala humnoota farra nageenyaa gareefi dhuunfaan socho'an kamiyyuu haaluma barameen haawasni saaxiiluun humnoota nageenyaatti dabarsee kennuun dirqama biyyaa bahuu akka qabu Humni waloo kun gaafateera.