Jilli Ministira Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu ijaarsa Warshaa Simintoo Naashinaalii Naannoo Amaaraa Aanaa Insaaroo, Lammiitti ijaaramaa jiru daawwate.

155

Ebla 21/2014(TOI) -Jilli Ministira Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu ijaarsa Warshaa Simintoo Naashinaalii Naannoo Amaaraa Aanaa Insaaroo, Lammiitti ijaaramaa jiru daawwate.

Ijaarsi warshichaa yeroo qabameef keessatti qulqullinnaan xumuramuu akka qabu Doktar Abiyyi hubachiisan.

Kaampaaniin Chaayinaa ijaarsa Warshicha hojjechaa jirus yeroon xumuruun galma barbaadameef akka ooluuf hojjechaa akka jiru beeksiseera.

Warshichi wayita xumuramu guyyaatti simintoo kuntaalaa kuma 100 akka Omishu eerameera.
Amboo Maqaasaatu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015