Duudhaa waliin jireenyaa keenya cimsuun rakkoowwan kallatti adda addaan mudatan tokko taanee furuu qabna.

61

Ebla 20/2014(TOI) - Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministirri dhimma alaa FDRI Obbo Dammaqaa Mokonniin duudhaa waliin jireenyaa keenya cimsuun rakkoowwan kallatti adda addaan mudatan tokko taanee furuu qabna jedhan.

Obbo Dammaqaa Mokonniin ''Iidaa hanga Iidaatti imaala gara biyyaatti'' mata duree jedhuun keessummoota gara biyyaa dhufan simachuuf sirna qophaa'erratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Itoophiyaa biyyaa godhee kan dhaabuu keessatti utubaa ta'ee waantoota tajaajilaan keessaa duudhaa waliin jireenyaa hawaasa waliin qabudha jedhaniiru.

Sabdaneessummaa hedduu uummanni qabu baroota dheeraaf walkabajee waliin jiraachuu danda'uus akka fakkenyaatti eeraniiru.

Yeroo amma garu bakka tokko tokkotti gochaan duudhaa waliin jireenyaa kana cabsee raawwatamaa waan jiruuf yeroo osoo hin kenniifiin sirrachuu qaba jedhaniiru.

Duudhaa waliin jireenyaa keenya cimsuun rakkoowwan kallatti adda addaan mudatan tokko taanee furuu qabnas jedhaniiru.Pirezidaantiin mana maree waliigala Islamaa Muftii Hajii Umar Idiris gama isaaniin, akka biyyaatti wal kabajuufi walgargaaruun nageenya amansiisaa mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

Itoophiyaanoonni biyya alaa fi keessa jiran nageenya duudhaa isaanii godhachuun hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.Kantiibaan magaala Finfinnee aadde Adaanech Abeebee gama isaaniin, ''Diyaaspooraan Itoophiyaa hojii diinaa mataa cabsee fi fira boonsee hojjechaa jira'' jedhaniiru.

Diyaaspooraan baay'een gara biyyaa dhufuun biyya isaaf aantummaa qabu agarsiisuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015