Oromiyaatti iddoolee hongeen miidhaman dandamachiisuuf hojjetamaa jiraachuu himame

71

Ebla 17/2014(TOI) - Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Oromiyaatti iddoolee hongeen miidhaman dandamachiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Ministeerri Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Pirojektii fooyyeessa jireenya hawaasa naannoo gammoojjiif qabameen, naannoo Oromiyaa iddoowwan garaagaraa hongeen miidhaman bayyaannachiisuuf Baankii Addunyaarraa deeggarsi namoomaa ramadamuu beeksiseera.

Ministeerichi ibsa miidiyaaf kenneen hawaasa gammoojjii Oromiyaa iddoowwan garaagaraatti rakkoo hongeef saaxilaman dandamachiisuuf hojjetamaa jiraachuu himeera.

Birrii deeggarsaaf ramadame keessaa miiliyoonni 6 fi kumni 300 fi kuma 95 fi 993 har'a Naannoo Oromiyaaf kennameera.

Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injiinar Ayishaa Mahaammad wayita deeggarsicha dabarsanii kennan, hawaasa naannawaa gammoojjii hongeef saaxilame dandamachiisuuf hojiin eegalame itti fufa jedhaniiru.

Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa,Obbo Shimallis Abdiisaan deeggarsa kennameef galateeffachuun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo hongeen qaqqabu waaraan furuuf dhaabbiin kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Waajjira Pirezedaantirraa odeeffanne

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015