Kantiibaan Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraatti sheedota 91 namoota 456 carra hojii uumu danda'an fayyadamtootaf kennan.

103

Ebla 15/2014(TOI) - Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Habeebee, ayyaana Faasikaa ilaalchisuun, Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti, carraa hojii dargaggootaafi dubartoota 456 kan uuman sheedoota 91 fayyadamtootaaf kennaniiru.

Kantiibaa Adaanach, kana dura dargaagootaafi dubartootaaf carraa hojii uumuu dabalate hojiiwwan jijjirama diinagdee waaraa fiduu danda’anirratti bulchiinsi magaalaa xiyyeeffannaa kennee akka hojjatuu ibsuusaanii ni yaadatama.

Guyyaa har’aas sirna sheediiwwan kanneen fayyadamtootaaf dabarsuurratti ergaa dabarsaniin, sheedii argachuun galmaa miti, kaayyoon keessan tahu kan qabu jijjiramuurratti jedhaniiru.

Jijjiramuun naannoo keessan jijjiruufi dargaggoota biroofiis fakkeenya tahuu jechuu akka tahees himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015