Itoophiyaanoonni biyya alaa jiraataan lammilee sababa waraanaan qe’ee isaanirra buqqa’aniif deeggarsa birrii miliyoona 17 taasisan.

10

Eebla 12/2014(TOI) – Itoophiyaanoonni biyya alaa jiraataan lammilee sababa waraanaan qe’ee isaanirra buqqa’aniif deeggarsa birrii miliyoona 17 taasisan.

Gurmaa’insi Itoophiyaanoota Ameerikaa Daalaas birrii miiliyoona 16 fi kuma 900 ol, Firaanikfartitti manni amantaa kiristaanaa Warra wangeelaa birrii kuma 561 ol, Waldaan idil addunyaa diyaaspoora Hadiyyaa birrii kuma 221 deeggarsa taasisaniiru.

Bakka buutoonni miseensoota diyaasporaas deeggarsa kana komishiinii hoggansa sodaa balaatti dabarsanii kennaniiru.Bakka butoonni kunneen akka himanitti gara fuula duraattis sirna galii walitti qabuu adda addaa qopheessuun lammilee buqqa’an gargaaru kan itti fufan ta’uu himaniiru.

Komishiinerri komishiinii hoggansa sodaa balaa Mitikkuu Kaasaa hojii lammileen Itoophiyaa diyaaspooraa ta’an lammilee rakkaatan gargaaruuf hojjechaa jiran dinqisiifachuun galateeffataniiru.Diyaaspooraan deeggarsa taasisa jiru kana gara fuula duraattis cimsee akka itti fufu gaafataniiru.