Naannichatti xaa'oon uumamaa meetirik kuubii miliyoona 40.9 qophaa'eera.

90

Eebla 11/2014(TOI) - Naannoo Oromiyaatti Xaa'oon uumamaa meetirik kuubiin miliyoona 40.9 qophaa'uu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Hogganaan biirichaa obbo Abarraa Warquu akka TOI himanitti bara oomishaa 2014/15 Xaa'oon warshaatti oomishamu gatiin isaa baay'ee waan qaala'eef hojiin oomishaa fi oomishtummaa akka hin hir'anneef hojjetamaa jira.

Naannichatti hanqina xaa'oo warshaa ba'uu furuuf xaa'oo uumamaa meetirikitoonii miiliyoona 54 qopheessuuf hojjetamaa jirachuu himaniiru.

Haga ammaattis xaa'oo uumamaa meetirik kuubii miiliyoona 40.9 qopheesuu obbo Abarraan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015