Lammiileen Itoophiyaa 348 Sa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaa deebi’an.

110

Eebla 10/2014(TOI) - Lammiileen Itoophiyaa 348 Sa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaa deebi’an.

Balallii jalqabaa guyyaa har’aan lammiileen Itoophiyaa 348 Sa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaa deebi’an.

Mootummaan lammiilee Sa'ud Arabiyaatti rakkoo hamaa keessa jiran gara biyyaa deebisuun Koree Biyyaaleessaa hundeessee hojiitti galuun isaa ni yaadatama.

Koreen hundaa’ee kunis lammiilee kuma 102 gara biyyatti deebisuuf karoorsee hojjechaa jirachuun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015