Naannoon Gaambeellaa Warqee Sharafa Alaa Doolaara miiliyoona 49.87 ol argamsiisu Baankii Biyyaalessaaf erge

64

Eebila 9/2014 (TOI) –Naannoon Gaambeellaa Warqee Sharafa Alaa Doolaara miiliyoona 49.87 ol argamsiisu Baankii Biyyaalessaaf erguu Ejansiin Misooma Albuudaa fi Inarjii naannichaa beeksiise.

Naannichi Warqee Kiiloo Giraama 966 Baankii Biyyaalessaaf erguu ibsameera.

Warqeen Baankii Biyyaalessaaf ergame kun Aanaalee Diimaa, Abboobboo, Gaambeellaa fi Mangeeshaarraa mala aadaan kan oomishame ta'uu Daayreektarri Olaantuun Ejansichaa Aadde Akkuuwaataa Chaam ibsaniiru.

Naannichi Warqeen baatiwwan salgan darban Baankii Biyyaalessaaf erge kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame caalmaa qabaachuu Aadde Akkuuwaataan dubbataniiru.

Bara baajataa kana Warqee Kiiloo Giraama kuma 1 fi 600 Baankii Biyyaalessaaf galii gochuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015