Obbo Hayilemaariyaam Dassaallenyi, seenaa uummattoota gurraachaatiif iddoo tursiisa hambaalleefi giddugala barnootaa hundaa’uuf deeggarsa kan taasisan himan.

83

Eebla 07/2014(TOI) - Ministirri Muummee Itoophiyaa duraanii Obbo Hayilemaariyaam Dassaallenyi, seenaa uummattoota gurraachaatiif iddoo tursiisa hambaalleefi giddugala barnootaa hundaa’uuf deeggarsa kan taasisan himan.

Obbo Hayilemaariyaam, dhimma kanarratti hayyoota seeraa uummattoota gurraachaa, hayyoota seenaa fi saayinisii hawaasaa waliin Imbaasii Itoophiyaa Londonitti argamuutti mari’ataniiru.

Marii kanaanis seenaa uummattoota gurraachaaf iddoo tursiisa hambaallee fi giddugala barnootaa Magaalaa Finfinneetti hundeessuuf sochii eegalame kan deeggaran ta’uu himaniiru.

Barreessaa fi Ispeeshaalistii Seenaa Uummattoota Gurraachaa kan ta’an Roobin Wooker gama isaaniitiin, ofiitti amanamummaa fi xiinsammuu uummattoota gurraachaa dagaagsuuf seenaa uummattoota gurraachaatiif iddoo tursiisa hambaallee fi giddugala barnootaa hundeessuun faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015