Lammilee Itoophiyaa Saa'ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran keessaa hanga ammaatti kumni 7 ol gara biyyaatti deebi'aniiru.

81

Eebila 06/2014(TOI) - Lammilee Itoophiyaa Saa'ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran keessaa hanga ammaatti kumni 7 ol gara biyyaatti deebifamuu Minsteerri dhimma alaa beeksise.

Dubbi himaan Minsteera dhimma alaa Itoophiyaa ambaasaaddar Diinaa Muftii dippiloomaasii lammilee bu'uureffateefi dhimmoota biroo torban darbe raawwataman ilaalichisuun ibsa laataaniiru.

Ibsa isaanis torban darbe ambaasaaddaroota biyyoota adda addaa teessoon isaanii Finfinnee ta'eef haala waqtaawaa Itoophiyaa ilaalchisuun ibsi kennamuufii himaniiru.

Ibsa kanas itti aanaa Minstira Muummeefi Minsitira dhimma alaa FDRI obbo Dammaqaa Mokonniin laatamuufii himaniiru.

Lammilee Itoophiyaa Saa'ud Arabiyaatti mana hidhaafi buufatalee adda addaa keessatti haala rakkisaa keessa jiran keessaa hanga ammaatti lammilee kuma 7 ol gara biyya isaanitti deebisuus ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Torbanitti guyyaa sadi guyyaattifi guyyaatti yeroo sadi balalii taasifamuun lammilee kana gara biyyaatti deebisuun itti fufee jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015