Mootummaan Jaappaan deeggarsa guddina diinagdee Itoophiyaaf taasisu cimsee itti fufa jedhame - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Jaappaan deeggarsa guddina diinagdee Itoophiyaaf taasisu cimsee itti fufa jedhame

Eebla 4/2014 (TOI) – Mootummaan Jaappaan deeggarsa guddina diinagdee Itoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Itoo Taakaakoon ibsan.
Mootummaan Jaappaan ijaarsa babal’ina giddugala leenjii uffataa ganda 'Lasalaam Hitsaanaatii'f deeggarsa Doolaara kuma 49 taasisuu ibsameera.
Dabalataanis maashinoowwan huccuu hodhaan 10 giddugalichaaf deeggarsa taasisuu Ambaasaaddar Itoo Taakaakoon eeraniiru.
Mootummaan Jaappaan deeggarsa guddina diinagdee Itoophiyaa fi fooyya’iinsa misooma humna namaatiif taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Mootummaan Jaappaan Itoophiyaa bakkeewwan garaagaraatti proojektiiwwan garaagaraa 400 hojjechuun hawaasa fayyadamoo taasisuu ibsuun Ejensiin Tumsa Jaappaan ga’eesaa ba’achaa jiraachuu eeraniiru.