Ameerikaa Waashingitan Diisiitti hiriirri mormii wiixinee seeraa ‘HR 6600’ fi ‘S-3199’ balaaleffatu gaggeeffame.

86

Ebla 03/2014(TOI) - Ameerikaa Waashingitan Diisiitti hiriirri mormii wiixinee seeraa ‘HR 6600’ fi ‘S-3199’ balaaleffatu gaggeeffame.

Hiriira mormii fuuldura Masaraa ‘White Housetti’ gaggeeffame kanaanis wiixineen seeraa kunniniin Itoophiyaafi Itoophiyaanota waan miidhuuf balaaleffataniiru.

Wiixineen seeraa Itoophiyaa irratti dabarsuuf wiixineeffame kun hariiroo Itoophiyaafi Ameerikaa bara dheeraaf ture kan miidhuufi faayidaa biyyoota lamaanii irratti dhiibbaa kan uumuu waan ta’eef haqamuu akka qabu hirmaattoonni hiriirichaa gaafataniiru.

Hiriira kanarattis lammiileen Itoophiyaa, Eertiraafi michuuwwan Itoophiyaa kanneen biroo hirmaataniiru.

Haaluma wal fakkaatuun hiriirri mormii kun Kutaa Bulchiinsa Kaalifoorniyaa Magaalaa Loosaanjalasittis akka gaggeeffamu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015