USAID Itoophiyaa dabalatee biyyoota sadiif deeggarsa doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 14 taasise

61

Finfinnee, Bitootessa 29/2014 (TOI) – Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa ‘USAID’ Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf kan ooluu doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 14 deeggarsu taasisuu beeksiseera.

Ganfa Afrikaatti hongee mudateen lammiileen miiliyoonni 20 deeggarsi midhaanii ariifachiisaan isaan barbachisa jedhamee tilmaamama.

Dhaabbatichi deeggarsichi ga’aa akka hin taanee ibsuun, qaamolee tumsiitoota idil addunyaa biroon deeggarsa akka taasisaan waamicha dhiyeesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015