Waamichi Iidiin waliin akka kabajnuuf taasifame carraa seena qabeessa tokkummaa keenya itti agarsiisnudha

64

Finfinnee, Bitootessa 27/2014 (TOI) – Manni maree waliigala dhimmoota Islaamaa waamichi biyyoota addunyaa hundaarraa bakka tokkotti dhufnee ayyaana Iidiin waliin akka kabajnuuf taasifame carraa seena qabeessa tokkummaa fi wal tumsuu keenya qabatamaan ittiin agarsiisnudha jedhe.

Manni marichaa Itoophiyaanotaa fi dhalattoota Itoophiyaa ayyaanicha kabajuuf dhufan simatee keessumeessuuf qophii ta’uu ibseera.Ayyaanicha kabajuuf warreen dhufan hunda simatanii keessummeessuuf qophii ta’uu Pireezdaantiin mana marichaa Muftii Hajii Umar ibsaniiru.

Lammiilee sababa waraanaa fi hongeen miidhaman deeggaruuf carraa gaarii kan uumu ta’uus himaniiru.

Mana marichaatti hogganaan damee masjiidotaa Dooktar Sheeh Mahaammad Hamiidiin gamasaaniin Itoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itoophiyaa kutaalee addunyaa garaagaraarra jiran walitti qabamuun ayyaanicha kabajuun tokkummaa fi obbolummaa isaanii kan itti mul’isan ta’uu ibsaniiru.

Miidhagina ayyaanichaa fi keessummoota simachuuf hundi ga’eessaa akka ba’atu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015