Manneen hojii ministirootaa 2 dhimmoota adda addaarratti waliin hojjechuuf kan isaan dandeesisu mallateessan.

67

Finfinnee, Bitootessa 26/2014 (TOI) – Ministeera Hojii fi Kalaqaa fi Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa dhimmoota adda addaarratti waliin hojjechuuf kan isaan dandeesisu waliigaltee mallateessan

Waliigaltee kanaanis gaaffii bu’uuraa hojii barbaaddotaa magaalaa keessatti daraan dabalaa dhufe furuu kan dandeesisudha jedhameera.

Sirna waliigaltee mallateessuu kanarratti akka himameetti humna namaa ga’umsa qabu ijaaruun barbaachisaa waan ta’eef waliin hojjechuun dirqama ta’uu ibsameera.

Amaloota wal xaxaa magaalonni qaban hubannaa keessa galchuun magaalonni madda oomishaa fi tajaajila si’ataa akka ta’an, fayyadamummaan teeknooloojii akka fooyya’uu fi sadarkaa olaanaan carraa hojii uumuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu eerameera.

Waliigaltichi bakka hojiitti tajaajiloota nageenyaa fi fayyummaa ogummaa mirkaneessan babal’isuu fi waliin hojjechuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015