Oromiyaatti har'a Intarpiraayizoota IMX 740 gara guddattuu gidduu galeessaatti ceesisaa jira.

184

Bitootessa 25/2014(TOI) -Oromiyaatti har'a Intarpiraayizoota IMX 740 gara guddattuu gidduu galeessaatti ceesisaa jira.

Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa, sagantaa badhaasaafi cee'umsa qopheesse jira.

Waldaaleen 389 immoo moodela ta'an badhaafamuun bara dhufu cee'uu jedhameera.

Sagantaan marsaa 12ffaaf qophaa’e kun Mata duree ‘Cee'umsi Interpiraayizootaa Badhaadhina Waloof’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Interpiraayizoonni ce'anis damee hojii manufaakcharingii, qonna, ijaarsafi albuuda irratti hirmaachuun kaappitaala Birrii Miiliyoona 1. 5 horataniifi damee hojii tajaajilaafi daldalaan immoo Birrii Kuma 500 horachuun gara guddattuu gidduu galeessaatti ce'u jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015