Piroojetoota fayyadamummaa qonnaan bultootaa Hararii fi Oromiyaa caalaatti cimsuuf gargaraan irratti mari'atame.

73

Bitootessa 21/2014(TOI) - Jilli Ministirra Jallisiifi naannawaa gammoojjii Ayishaa Mahaammadii fi Pirizidaantii Naannoo Hararii obbo Oraaddiin Badiriin durfamu Piroojetoota fayyadamummaa qonnaan bultootaa Hararii fi Oromiyaa caalaatti cimsuuf gargaraan irratti mari'atame

Piroojetoonni qonnaan bultoota naannolee lamaan akka fayyadamoo taasisaniif hojjetamuuf yaadaman kunneen pirojektoota hidhaawwan bishaniifi bishaan dhugaatii qulqulluuti jedhameera.

Hojiin kun bakkeewwan daangaa naannolee lamaanii kan ta'ee aanaa Harariitti ta'uu himameera.

Dabalataanis dhimmoota oomishaafi oomishitummaa qonnaan bultootaa caalaatti dabaluu danda'an irrattis mariyachuun himameera.

Pirojektii mootummaa Isiraa'eeliin deeggaramu kan karaa sagantaa Feer pilaaneet jedhamun sanyii fooyya'aa qonnaann bultootaf dhiheesuus daawwataniiru.

Marii kanarratti hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannolee , Israa'elitti amabaasaadara Itoophiyaa Ambaasaaddar Aleliiny Adimaasuu fi hoggantoonni Yuunivarsiitii Haramaayaa daawwannaa kanarratti akka argaman ragaan biiroo kominikeeshinii naannichaarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015