Hidhatoonni gareen shororkeessa ABUT daandii karaa Abilaalaa waan cufaniif konkolaatonni deeggarsa namoomaa fe'an Tigiraay deeggarsa namoomaa geessuu hin dandeenye.

66

Bitootessa 20/2014(TOI) - Hidhatoonni gareen shororkeessa ABUT daandii karaa Abilaalaa waan cufaniif konkolaatonni deeggarsa namoomaa fe'an Tigiraay galuu hin dandeenye mootummaan ibse.

Dhaabbilee idil addunyaa deeggarsa dhiheessanis guyyaadhan karaa daandii qilleensaa deeggarsa namoomaa dhiheessuu akka danda'an murta'uus mootummaan beeksiseera.

Mootummaan erga lammilee naannoo Tigiraayif deeggarsa namoomaa ariitiin dhiheessuuf jecha walitti bu'insa dhaabuu murteessee tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Karaa dhaabbata nyaata addunyaa konkolaatota fe'insaa gurguddoo 43'n deeggarsi namoomaa midhaan nyaataa karaa daandii Abilaalaa akka lammilee naannoo Tigiraayiif dhihaatu mootummaan heeyyamuu eereera.

Kanneen keessaa konkolaatonni 20 deeggarsa namoomaa kana fe'an naannoo Affaar magaalaa Samalaa dhaabbatanii jiru.

Mootummaan karaa danda'ame hundaan deeggarsa namoomaa lammilee naannoo Tigiraay qaqqabsiisuuf tattaaffi gochaa kan jiru ta'us gama kaaniin garuu tarkaanfiin wal fakkaataan fudhamaa hin jiru jedheera.

Konkolaattoonni 43 deeggarsa namoomaa fe'anii magaalaa Samaraa dhaabbatanii jiran sababa hidhatoonni garee shororkeessa ABUT daandii karaa Abilaalaa cufaniifidha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015