Aadde Daagiimaawwit Mogos Paarkii indaastirii Dirree Dawaa daawwatan.

95

Finfinnee, Bitootessa 15/2014 (TOI) – Jilli Ministira Geejjibaa fi Loojistikii aadde Daagmaawwit Mogasiin durfamu Paarkii indaastirii Dirree Dawaa daawwate.

Daawwanicharratti aadde Daagmaawwit Mogas dabalatee Kantiibaan magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Juhaar, Ittaanaan hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa fi hogganaa damee gurmaa’ina obbo Saadaat Nashaa fi hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamaniiru.

Paarkichi waggoota 2 dura baasii Doolaara Miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50 ijaaramee Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin eebbifamee gara hojiitti galuun ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015