Badhaadhinni qormaatilee gurguddoo keessatti hundaa’us injifannoowwan jajjabaa galmeessaa jira

102

Finfinnee, Bitootessa 14/2014 (TOI) – Badhaadhinni qormaatilee gurguddoo keessatti hundaa’us injifannoowwan jajjabaa galmeessaa jiraachuu Pireezdaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Obbo Shimallis Abdiisaan waltajjii ummataa magaalaa Adaamaatti gaggeeffame dursaniiru.Gaaffii fi yaada ummataa waltajjicharratti ka’eefis ibsaa fi deebii laataniiru.

Badhaadhinni nageenyaa fi tasgabbii ummataa mirkaneessuuf, guddinaa Diinagdee milkeessuu fi qaala'iinsa jireenyaa fooyyessuuf cimee hojjechaa jiraachuu obbo Shimallis ibsaniiru.

Rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuu, Hannaa fi saamicha dhabamsiisuuf murannoon ni hojjenna jedhan.

Keessattuu rakkoo bulchiinsa gaarii akka naannichaatti jiru hiikuuf hawaasa waliin kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Waltajjirratti kan hirmaatan Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhina Naannoo Amaaraa obbo Girmaa Yeshixilaa gama isaaniin murtoo fi kallattiin yaa'ii 1ffaa Paartii badhaadhinaarratti darbe fayyadamummaa ummata mirkaneessuuf qooda olaanaa qaba jedhan.

Ummanni naannoo Oromiyaa tokkummaa biyyaa mirkaneessuu keessatti ga’ee olaanaa ba’aa turee fi jiruuf galateeffataniiru.

Waltajjiin gaggeeffamaa tures ibsa ijjannoo abbaa qabxii torbaa baafachuun xumuramuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalaa Adaamarraa argame ni muul’usa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015