Balaa uumamaa ittisuuf qabaasa of-eeggannoo duraa haala qilleensaa hordofuun hojiirra oolchuun barbaachisaadha.

87

Bitooteessa 14/2014(TOI) - Balaa uumamaa ittisuuf qabaasa of-eeggannoo duraa haala qilleensaa hordofuun hojiirra oolchuun akka barbaachisu Ministeerri Bishaaniifi inarjii hubachiise.

Guyyaan Meetirooloojii akka addunyaatti, yeroo 71ffaafi akka Itoophiyaatti immo yeroo 41ffaa qophiilee garaagaraan kabajameera.

Sirna kabajaa kanarratti Deetaan Ministira Bishaanifi Inaarjii Ambaasaaddar Asfaaw Dingaamo erga dabarsaniin gabaasinni of eeggannoo dursaa haala qilleensaafi jijjiramaa qilleensaa irratti kennaman faayidaa qabu jedhaniiru.

Haa ta’uti gabaasa of eeggannoo dursa darban hordoofanii hojiirra oolchu irratti hanqinni jiraachuu himaniiru.Kana hojiirra oolchuu dhabuun immoo; rakkoo garaagaraa fidaa jira jedhaniiru.

Hanqina jiru hiikuunifi rakkichaaf xiyyeeffannoo kennun balaa gahu danda’uu ittisuuf dhaabbilee damichaa irratti hojjetan waliin qindoominaan hojjechuun ni barbaachisaas jedhaniiru.

Daayerktarri Itti aanaa Institiyuutii Meetirooloojii Itoophiyaa Kinfee Haayila Maariyaam gama isaanin gabaasni of eeggannoo dursaa haala qilleensaafi jijjiramaa qilleensaa irratti kennamaan baay’inaan hojiira hin oolan jedhan, kanaafis rakkoo kana hiikuuf hojjetaamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015