Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaa Ganda Kuriftuutti qamadii jallisii bonaan misoomaa jiru daawwataan.

62

Finfinnee, Bitootessa 13/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaa Ganda Kuriftuutti qamadii jallisii bonaan misoomaa jiru daawwataan.

Daawwannicharratti MM Abiy Ahimad dabalate Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimmallis Abdiisaa fi Baankii Addunyaatti daayreektarri olaanaa Taahufilaa Niyaamaad Zaaboo argamaniiru.

Jilli kun aanichatti Qamadii jallisii bonaan lafa heektara 564 irratti oomishamedha kan daawwatan.

Oromiyaatti oomishinni Qamadii jallisii bonaan oomishame kan marsaa jalqabaa walitti qabamaa kan jiru yoo ta’u, kan marsaa 2ffaa facaasuu jalqabsiisuuf qophiin lafa qonnaa qopheessuu xumurameera.