Bor magaalaa Finfinneetti mariin hawaasa hundaa hirmaachisu ni taasifama.

88

Bitootessa 13/2014(TOI) - Bor magaalaa Finfinneetti aanaalee,kutaa magaalaafi sadarkaa magaalaatti mariin hawaasa hundaa hirmaachise akka taasifamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Marii kanaan gaaffiiwwan hawaasni dhiheessuu kan dhaggeeffatamanii hojii gara fuula duraatti galtee godhachuun gaaffiwwan dhihaatan akka deebii argatan ni taasifama jedhameera.

Marii kanaan murtoowwaan yaa'ii Paartii Badhaadhinaarratti darban irratti mari'achuun hojii gara fuula duraatti hojjetamurratti hawaasa waliin walhubannoo uumuuf kan kaayyeeffatedha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015