Yaa'iin Idilee Caffee Oromiyaa 2ffaa Waggaa 1ffaa bara hojii Caffee 6ffaa Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti geggeeffamaa jira.

113

Bitootessa, 12/2014(TOI) - Yaa'iin Idilee Caffee Oromiyaa 2ffaa Waggaa 1ffaa bara hojii Caffee 6ffaa Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti geggeeffamaa jira.

Yaa'ii kanarratti raawwiin hojii mootummaa naannichaa kan ji'a torbaa Pireezidaantii naannichaa obbo Shimalliis Abdiisaan dhihaataa jira.

Mootummaan naannoo Oromiyaa raawwii baatii torbaan darbee hojjete kana keessaatti rakkoowwan gama adda addaan ture keessaatti kan kaaraa milkaa'aa raawwate waan ta'een hojiin boonsaan hojjetameera jedhaniiru.

Raawwii hojii boonsaa kan isa taasisu weerara shororkeessaa ABUT qolachuu, Badii shaneen raawwatu ittisuufi rakkoo sababa hongeen umameen hawaasani akka hin miidhamne deeggaruuf tattaaffiin yeroo taasifamu keessaatti kan raawwatame waan ta'eef ta'uu obbo Shimallis Abidiisaa himaniiru.

Yaa’ii kanarratti obbo Shimallis akka jedhanitti, hawaasni naannichaa birmadummaa biyyaa eegsisuu keessatti gahee guddaa bahatee jira.

Shaneen safuu uummata Oromoo cabsuun misooma naannichaa duubatti deebisuuf ABUT’f ergamaa ta’ee tajaajilaa ture jedhan.Yaalii Shaneen taasisu kana keessatti hawaasni keenya akka hubatee balaaleffatuuf hojiin hojjetameera jedhan.

Ammas caasaa mootummaafi qabeenya uummataa barbadeessuu irratti argama.Mootummaan Naannoo Oromiyaa Mootummaa Federaalaa waliin ta’uun garee badii kana dhabamsiisuuf hojjetamaa jira jedhan obbo Shimallis.

Irra caalaatti humna raawwachiisummaa caasaa nageenyaa cimsuuf hojjetamaa jira.

Gaachana sirnaa leenjisuun nageenya hawaasaa eegsisuuf hojjetamaa jiras jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015