Himanni Dhaabbanni fayyaa addunyaa meeshaalee yaala Fayyaa naannoo Tigraay akka hin geessine mootummaan dhorkameera jechuun himatu dhugaarraa kan fagaate.

95

Finfinnee, Bitootessa 8/2014 (TOI) – Himanni Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa meeshaalee yaala Fayyaa naannoo Tigraay akka hin geessine mootummaan dhorkameera jechuun himatu dhugaarraa kan fagaate ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Daayreektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom adeemsa qajeeltoo fi duudhaa dhaabbatichaa cabsaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiiseera.

Dooktar Teediroos ibsa guyyaa kaleessaa laataniin meeshaaleen yaala fayyaa gara naannoo Tigraay akka hin galle mootummaan nu dhorkeera jechuun odeeffannoo sobaa laachuu tajaajilichi ibseera.

Lammiileen naannoo Tigraay keessa jiraatan tajaajila yaala Fayyaa akka hin arganne taasifameera jechuunis dubbachuu isaanii himeera.

Yaa ta’uutii ibsi daayreektarichi laate dhugaarraa kan fagaatee fi olola sobaan mootummaa yakkaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015