Ejensichi manneen barnootaa manca'an deebisaanii dhaabuuf deeggarsa barbaachisu ni taasisa.

167

Finfinnee, Bitootessa 8/2014 (TOI) – Ejensiin Tumsa Idil Addunyaa Jaappan hojii manneen barnootaa manca'aan deebisanii dhaabuuf taasifamu kan deeggaru ta’uu beeksise.

Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan bakka buutuu olaantuu Ejensii Tumsa Idil Addunyaa Jaappaan/JICA Dooktar Kaatsuukii Mooriihaaraa waliin mari’ataniiru.

Piroofeesar Birhaanuun deeggarsa ejensichi damee barnoota Itoophiyaaf taasise galateeffachuun tattaaffii manneen barnootaa barbadaa’an deebisanii dhaabuuf taasifamurratti deeggarsi isaanii cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Dooktar Kaatsuukii Mooriihaaraan gamasaaniin bara faranjootaa 2006 hanga 2020tti Doolaara miiliyoona 290 ol deeggarsa taasisuu fi manneen barnootaa 80 ijaaruun danda’amuu eeraniiru.

Manneen barnootaa sababa waraanaan barbadaa’an ijaaruuf ejensichi ga’eesaa kan ba’atu ta’uu ibsuun gosa barnootaa herregaa fi saayinsiin walqabatee galteewwan manneen yaalii fi meeshaalee garaagaraa kan guutu ta’uu eeruu isaanii ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015