Itoophiyaa fi Chaayinaan marii siyaasaa waloo gaggeessan

67

Finfinnee, Bitootessa 7/2014 (TOI) – Itoophiyaa fi Chaayinaan marii siyaasaa waloo 2ffaa gaggeessan.

Ministir Deetaan Ministeeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen gargaaraa Ministira Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Deeng Lii waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin dhimmoota gam-lamee fi naannawaarratti mari’achuu ibsameera.

Deeggarsa tarsiimawaa gama maraa cimsuuf waliigaluu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.