Zayita nyaataa dabalatee shaqaxoota bu'uuraa biroorratti sababaan gatiin dabalamuuf tokkollee hin jiru.

58

Gurraandhala 27/2014(TOI) - Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee yeroo ammaa Zayita nyaataa dabalatee shaqaxoota bu'uuraa biroorratti sababaan gatiin dabalamuuf tokkollee hin jiru jedhan.

Hanqinnee oomishaa jiraatus oomisha jiru karaa sirriin rabsuun hawaasaan gahuu qabna jedhaniiru.

Aadde Adaanech haasaa har'a sirna eebba daandiwwan magaalicha keessatti ijaaramanirratti taasaniin '' yeroo ammaa haala adda ta'een zayita nyaatarrattis ta'ee shaqaxoo biroo irraatti sababaan daballiin gatii taasifamuuf hin jiru jedhaniiru.

Koreen bulchiinsi magaalicha hundeesse eda galgala namoota seeraan ala zayita nyaata gara biraatti godaansisaa turan to'achuu himaniiru.

Magaalichatti kanneen seeran ala gatii dabalan irrattis tarkaanfii seeraa fudhachuun jalqabamuu himaniiru.Hawaasnis kanneen hojii seeraan alaa raawwatan kanneen saaxiluu akka qabu eeraniiru.

Shamatootaf oomisha birrii biiliyoona tokkoon gara gabaatti akka baasan taasisneera.

Oomishinni kunis karaa sirrii hawaasa bira gahuu isaa hordofuu qabna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015