Naannoo Oromiyaatti hidhi jallisii birrii biiliyoona 13 oliin ijaaramaa jira.

57

Gurraandhala 26/2014(TOI) - Naannoo Oromiyaatti roobaa qofa eeganii omisha omishuurra bahuuf hidhi jallisii birrii biiliyoona 13 oliin ijaaramaa jiraachuu himaniiru.

Hari'a Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, gorsaan amaammata maakiroo ikonomii ministira muummee ambaasaaddar Girmaa Birruu, Bulichaa baankii biyyaalessaa doktar Hinnaagar Dassee, Ministira Pilaaniif Misoomaa doktar Fitsum Asaffaa fi Ministirri galiiwwanii obbo Ahimad Shidee godina Shawaa bahaa aanaa Liibaan Cuqqaalaafi Wanjii Kurruuftuutti Qamaadii jallisii bona kana misoomee daawwataniiru.

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa haasaa daawwanna kanarratti taasisaniin jallisii bonaaf bara kana motoroonni bishaan harkisan gurguddaa fi jiddugaleessaa kuma 20 qonnaan bultootaf qoodameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015