Mininstirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffii miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa irraa qaala'insa jireenyaa ilaalichisuun dhihaateef deebii kennaan keessaa,

79

Gurraandhala 15/2014(TOI) - Mininstirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffii miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa irraa qaala'insa jireenyaa ilaalichisuun dhihaateef deebii kennaan keessaa, Ramadaana dhufu irratti Iida guddaan Itiyoophiyaatti gaggeefama.

Sochiin Diyaasporaatiin taasifamu Tuuriizimiifis dinagdeefis gahee guddaa taphateera.

Daandiin Xiyyaara Itiyoophiyaa galii guddaa biyyaaf argamsiiseera.

Gorgoraan Baatii Fulbaanaa kana hojii eegala waan ta’eef qophii gochuu qabdu.Kooyishaanis bara kana ni xumurama.

Waancii irratti rakkoo Shanneen uumteefi kaasaa kanfaluu irratti rakkoo muudateen alatti Kooyishaafi Gorgoraan bara kana ni xumuramu.

Investimeentii alaa irraa Doolaarri biiliyoona 1.63 argameera. Boba’aa irratti rakkoon mudate Itiyoophiyaa deeggarsa guddaa gochuun bittee biyya keessa galchiti; abbootiin Qabeenyaa boottee garuu biyyoota alaatti geessanii gurguru.

Kanaaf Qaamonni Nageenyaa Namoota gochaa kana irratti hirmaatan akka ‘Waraftan’ jennee jirra.

Qonna Magaalaa irratti ciminaan hojjechuu qabna. Diinagdee Itiyoophiyaa kan miidhaa jiru tokko liqii alaati.

Diinagdeen Itiyoophiyaa injifannoo akka argatuuf gahee guddaa kan taphate Riifoormii Dinagdee Biyya irratti hojjetame ‘Hoom Giroon Ekoonomii’ jedhamudha.

Jijjiirraa Maallaqaa Namoonni Baay’een Waraqaa haammatanii akka hafan taasiseera.Ji’oota 6’n dhufanitti Qonnaafi Indaastirii irratti xiyyeeffachuun maamiltummaarratti duuluun qaala’iinsa jireenyaa fooyyessinee nageenya amansiisaa mirkaneessuun Badhaabdhina Itiyoophiyaa ni milkeessina jedhan. @OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015