Afrikaanoonni rakkoosaanii ofiin furachuu ni danda'u.

63

Finfinnee, Amajji, 28/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Afrikaanoonni rakkoosaanii ofiin furachuu ni danda'u jedhan.

Yaa'iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan teessoo gamtichaa Finfinneetti geggeeffamaa jira.

Doktar Abiy Ahimad yaa'icharratti argamuun haasaa taasisaniiru.

Haasaa isaaninis, Afrikaanoonni nageenya waaraa fiduuf, Misoomaa walitti fufinsa qabu mirkaneessuufi dhibee ittisuuf waliin dhaabbachuu qabna jedhaniiru.

Afrikaanoonni rakkoosaanii ofiin furachuu ni danda'u. Kanaaf immoo waliin ta'uun baay'ee barbaachisa jedhaniiru.

Nagaafi tasgabbii Afrikaa mirkaneessuuf, misoomaa walitti fufinsa qabu uumuuf' '' Rakkoo Afrikaaf Furmaata Afrikaarraa" fiduun barbaachisaadhas jedhaniiru.

Afrikaanoonni Itoophiyaan rakkoo ishee mudate ofiin furachuu akka dandeenyu waan nu hubatanii fi waan nu waliin ta'aniif galanni keenya guddaadha jedhaniiru.

Itoophiyaa rakkoo humnoota keessaan ishee mudate humana isheen furuuf yaalii gochaa jirtiis jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015