Injiinar Taakkalaan Itoophiyaatti bakka buutuu dhaabbata misooma indaastirii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

50

Finfinnee, Amajjii 25/2014 (TOI)- Ministirri Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan Itoophiyaatti bakka buutuu dhaabbata misooma indaastirii Dhaabbata Mootummata Gamtoomanii Oreeliyaa Pii Kaalaabroo waliin mari’ataniiru.

Injiinar Taakkalaan fuula miidiya hawaasa isaaniin akka ibsanitti, oomishaalee albuudaa biyya alaarraa galan biyya keessaatti bakka buusuun hojiiwwan hojjetamaniin deeggarsa teeknikaa taasisuu fi ijaarsa dandeettirratti waloon hojjechuuf waliigalleerra jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015