Hoggantoota olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa naannawaa magaalaa Finfinnee jiraniif guddinni sadarkaa kenname

101

Amajjii 23/2014 (TOI)- Hoggantoota olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa naannawaa magaalaa Finfinnee jiraniif guddinni sadarkaa kennamuu ibsame.

Sadarkichi kan kenname hoggantoota raawwii hojii gaarii galmeessisaniif ta’uu ibsameera.

Sadarkaa tokkorraa gara isa itti aanuutti wayita ceetan itti gaafatamummaa dachaa fudhachaa jiraachuu beekuun kutaa hoggantaniif fakkeenya ta’uun ga’ee hoggantummaa kutannoon ba’achuutu isinirra jira jedhan Raayyaa Ittisa Biyyaatti ajajaan kutaa naannawaa magaalaa Finfinnee Birgaader Jeneraal Geetaahuun Kaasaayee.

Guddinni sadarkaa kun imaanaa mootummaa fi uummatarraa itti laatame amanamummaa fi kutannoon akka tajaajilaniif kan isaan kakaasu ta’uu warren guddinni sadarkaa kennameef dubbachuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.@FBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015