Naannichi keessummoota yaa'ii hooggantoota Gamtaa Afrikaarratti hirmaatan keessummeessuuf qophii godheera.

76

Amajji, 22/2014(TOI) - Naannoon Oromiyaa keessummoota yaa'ii hooggantoota Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf gara Itoophiyaa keessummeessuuf qophii godheera jedhe.

Oromiyaatti Sadarkaa itti aanaa Pireezidantiitti qindeessaan kilaastera magaalaa obbo Addisuu Araggaa TOI tti himanitti magaaloonni Oromiyaa naannoo Finfinnee jiran keessummoota simatanii keessummeessuuf qophii gahaa godhaniiru.

Komishiiniin turizimii fi Biiroon turizimii naannichaa waliin ta'uun ogeeyyota Hootelootaaf leenjii kennuu himaniiru.

Keesuummoota haala gaariin simachuun cinaatti aadaafi Safuu Itoophiyaa beeksisuus qophiin taasifameera.

Bakkeewwan hawwata turizimii ta'anis akka daawwatanis ni taasifama jedhaniiru.

Dureeyyoota hoggantoota biyya isaanii waliin yaa'ii kanarratti hirmaachuuf gara biyya kanaa dhufanis haala mijataa investimetii turizimii jiru kan hubachiifamu ta'uu himaniiru.

Obbo Addisuun Afrikaanonni yaa'iin hoggantoota Afrikaa akka Finfinneetti geeggaffamu muteessuun isaanii Itoophiyaa fi Uummata isheef kabajaa qaban kan muli'isedhas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015