Jilli Pireezdaanit Shimallis Abdiisaan durfamu naannoo Oromiyaatti Fooramii fi egzibiishii albuuda jalqabsiise.

73

Amajjii 16/2014 (TOI)- Jilli Pireezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaan obbo Shimallis Abdiisaan durfamu naannoo Oromiyaatti Fooramii fi egzibiishii albuuda jalqabsiiseera.

Sagantichaarratti Pireezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan, Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa fi qaamolee biroon argamaniiru.

Injiinar Taakkalaan fuula miidiya hawaasa isaaniin akka ibsaniitti, Oromiyaan gombisaa guuboo kuufama albuudaati jedhan.

Albuudota kanneen gama hundaan itti fayyadamnee jireenya hawaasa keenyaa fi diinagdee biyya keenyaa jijjiiruu qabna jedhaniiru.

Egzibiizhinichi abdii nuti gama albuudaan qabnu bal’aa ta’uu isaa kan agarsiisuudha jedhan.

Nutis ifaajee keenyaan abdichi hojiidhaan akka dhugoomu ni taasifna jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015