Doktar Abiy Ahimad bakka bu'oota waldaalee diyaaspooraa waliin mari'atan.

52

Amajji, 14/2014 (TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad bakka bu'oota waldaalee diyaaspooraa Itoophiyaa waliin mari'ata.

Bakka bu'oonni Waldaalee Diyaaspooraa Itoophiyaa waamicha ministira muummee Doktar Abiy fudhachuun gara biyyaa dhufan marii kanarratti hirmaataniiru.

Dhimmoota adda addaarrattis doktar Abiy waliin mariin taasifamuu ragaan waajjira Ministira muummeerra argamee ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015