Saafariikoom bara Faranjoota 2022'tti damee Itiyoo-Telekoom irraatti Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 300 akka baasu beeksise. - ENA Afaan Oromoo
Saafariikoom bara Faranjoota 2022'tti damee Itiyoo-Telekoom irraatti Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 300 akka baasu beeksise.

Amajjii 13/2014(TOI) -Saafariikoom bara Faranjoota 2022'tti damee Itiyoo-Telekoom irraatti Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 300 akka baasu beeksise.
Itoophiyaatti Daareektarri Maaneejiingii Saafarikoomii Anuwaar Suusaa kaampaniin kun bara Faranjoota 2022'tti Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 300 Itoophiyaatti baasii kan taasisu ta’uu himan.
Kaampaniin kun Itoophiyaatti hojii jalqabuuf hojiin neetwoorkii diriirsuu hojjetamaa jiraachuufi gidduugala odeeffannoo jalqabaasaa baasii Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 100’n hojjechuu himaniiru.
Saafarikoomii ji’oota murasa dhufan keessaatti tajaajila isaa ifatti akka jalqabu ni eegama.