“Abbootiin qabeenyaa Turkii misooma Albuudaa filatamanirratti akka hirmaatan waliigalteerra ga’amera”

70

Amajjii 13/2014 (TOI) – Abbootiin qabeenyaa Turkii misooma Albuudaa filatamanirratti akka hirmaatan waliigalteerra ga’amuu Ministirri Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsan.

Injiinar Taakkalaa Uumaan Itoophiyaatti Ambaasaaddara Turkii Yaabraak Aalp waliin mari’ataniiru.

Ministirri Muummee FDRIdoktar Abiy Ahimad turtii Turkitti taasiisaniin hariiroo tumsa tarsiimoo biyyoota lamaanii cimsuuf waliigaltee garaagaraa mallatteessanirratti xiyyeeffachuun mari’achuu ibsameera.

Haaluma kanaan Abbootiin Qabeenyaa Turkii carraa Invastimantii qabeenya Albuudarratti hirmaachuu ilaalchisee marii bal’aa taasiisuu Injiinar Taakkalaa Uumaan fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Keessattuu abbootiin qabeenyaa Turkii qabeenya Albuudaa filatamanirratti akka hirmaatanii fi tumsaan hojjechuuf waliigalamuu himaniiru.@FBC