Feestivaaliin Aadaa namoonni kuma 300 irratti ni gaggeeffama

63

Amajji, 12/2014(TOI) - Magaalaa Finfinneetti Feestivaaliin Aadaa namoonni kuma 300 irratti hirmaataan geggeeffamuuf akka jiru Biiroon Aadaafi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Feestivaallii kun Amajjii 15 Hanga Amajjii 17/2014’tti Finfinnee Hootela Gihoonitti kan gaggeeffamu ta'uu himameera.

Hoggantuun Biirichaa Doktar Hiruut Kaasawu ibsa laataniin, Feestivaaliin Aadaa 13ffa gaggeeffamu kanarratti qaamoolee hawaasa diyaaspooraan waamichaa Ministira Mummee Doktar Abiyyi Ahimad fudhachuun gara biyyaa dhufan irrattii hirmaatu jedhameera.

Feestivaala kanarratti meeshaaleen Aadaa Sabootaafi Sablammoota hundaa kan dhiyaatan ta’us jedhameera.

Feestivaalii Aadaa kun magaalaa Finfinneetti bara 2002 irraa kaasee waggaa waaggaan kan gaggeeffamaa ture.

Feestivaalichi hariiroo sabootaafi sablammoota magaalaa Finfinnee cimsuuf faayidaan isaa olaanadhas jedhan Dr.Hiruut.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015