Hidhi haaromsa guddichi Itoophiyyaa maddaa walgargarsaa malee madda walitti bu'insaa miti- MM doktar Abiy Ahimad.

92

Amajjii 12/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Hidhi haaromsa guddichi Itoophiyyaa maddaa walgargarsaa malee madda walitti bu'insaa miti jedhan.

Itoophiyaan, Sudaanii fi Gibtsi nageenya ummataa, Waliin jireenyaa, fi misoomaaf tumsaan yeroon hojjechuu qaban amma ta’uus ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad himaniiru.

Doktar Abiy Ahimad hidha karaa Miidiyaa hawaasumaa isaanii ibsa kennaaniin hidhi haaromsaa Guddichi nageenya ummata biyyoota kanneenniif, waliin jireenyaa fi tumsaan misoomuuf carraa qabatee kan dhufe ta’uu himaniiru.

Lagni Naayil waliigala Proojektii Hidha Haaromsaa ol kaayyoo nageenya, waliin jireenyaa fi misooma biyyoota sadanii milkeessuuf murteessaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015